Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Gaambeellaa yaa’ii idileesaa gaggeessuu eegaleera

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Manni Maree Naannoo Gaambeellaa yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaasaa har’a gaggeessuu eegaleera.
 
Yaa’ichaan raawwiin hojii qaamolee raawwachiistuu mootummaa naannichaa dhiyaachuun irratti ni mari’atama.
 
Gabaasa raawwii hojii karoora misoomaa fi bulchiinsa gaarii, mana murtii waliigalaa naannichaa fi oodiitara olaanaa dhiyaaturratti ni mari’atama.
 
Karoora misoomaa fi bulchiinsa gaarii 2013 irrattis mari’atee ni raggaasisaan eegama.
 
Ajandaalee biroo fi muudamarrattis mari’atee ni raggaasisaan eegama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.