Fana: At a Speed of Life!

Manni maree naannichaa baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 6.7 ol raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 6 fi miiliyoona 710 fi 502 raggaasiseera.

Hogganaan Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Naannichaa Obbo Ziyaad Abdullaahii, baajata bara 2015’f qabame keessaa Birrii biiliyoonni 2.5 ol galii naannicharraa walitti qabamu yoo ta’u, Birrii biiliyoonni 3.6 ol ammoo deeggarsa mootummaa federaalaarraa, kan hafe ammoo galii keessoo dhaabbilee garaagaraa fi kanneen biroorraa kan walitti qabamu ta’uu ibsaniiru.

Manni marichaa baajaata raggaasise keessaa Birrii Miiliyoona 256 fi kuma 200 galmootaa misoomaa waaraa milkeessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Naannichatti rakkoo nageenyaan lammiilee buqqa’an deebisanii dandamachiisu, bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisanii misoomsuu, hojiilee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan kennamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Hojii deebisanii dandamachiisuu naannichatti gaggeeffamu, baajata olaanaa waan gaafatuuf, filannoowwan galii argamsiisan bal’isuun galii walitti qabuuf karoorfamee caalaa akka walitti qabamu miseensonni mana marichaa hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.