Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Hararii Yaa’ii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii Yaa’ii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, gabaasni raawwii hojii mootummaa naannichaa dhiyaaturratti ni mari’ata jedhame.
Labsiiwwanii garaagaraa dhiyaatan qorachuun ni raggaasiisaan kan eegamu ta’uu ragaan ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Manni marichaa turtiisaatiin labsii hojmaataasaafi naamusa hojjattootaarratti qophaa’e ni raggaasisa jedhamee eegama.
Dabalataanis fooyya’iinsa labsii danbii ittiin bulmaataa abbootii seeraa mana murtii walii galaafi labsii hundeeffama biiroo abbaa alangaa gochaa fi leenjii murteessuuf ba’e ni raggaan eegama.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.