Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa haleellaa gareen shororkeessaa Shanee Ummata nagaarraan gahe balaaleeffate

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haleellaa gareen shororkeessaa Shane Ummata nagaarraatti raawwate balaaleeffateera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Godina Qellam Wallaggaatti, Gareen shororkeessaa Shanee lammiilee nagaarratti haleellaa raawwate cimsee kan balaaleeffatu ta’uu ibsa baaseen himeera.

Manni Marichaa miidhaa hamaa ummatarra ga’eetti gadduun,garee shororkeessaa kana barbadeessuuf,Ummanni qaamolee nageenyaa waliin dhaabbachuu akka qabu yaamicha dabarsuu ragaan fuula miidiyaa hawaasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.