Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa yaa’ii idileesaa gaggeessen murteewwan adda addaa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Saboota, Sablammoota, Ummattoota Kibbaa walga’ii idileesaa gaggeessen murteewwan dabarseera.

Manni maree bulchiinsa naannichaa proojaktoota dameewwan qonnaa, indaastirii fi maanufaakchariingii 47 qorachuun murtee dabarseera jedhame.

Proojaktoonni dhiyaatan carraa hojii uumuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu isaanii gadi fageenyan erga ilaalen booda murtee dabarseera.

Naannichatti invastimatii jajjabeessuuf hojiin damichaan hojjetamu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu manni marichaa walga’ii isaan ilaalera jedhame.

Invastimatii harkisuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu akka qabu manni marichaa akka ajandaa ijootti irratti mari’ateera.

Manni marichaa labsii mana maree ispoortii naannichaa hundeessuuf dhiyaates ilaaluun murtee itti laatera.

Labsiin kun ragga’uun isaa sosochii damee ispoortii qindeessuu fi cimsuuf faayidaa olaanaa qaba jedhameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.