Fana: At a Speed of Life!

Manni murtii himannaa obbo Jawaarirratti Hagayya 5f beellama jijjiirramaa laate

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Poolisiin qorataa yeroo qorannaa dabalataa guyyootii 14 obbo Jawaar Mahaammadirratti kan gaafate yoo ta’u, manni murtii ammoo Hagayya 5,2012tti beellama jijjiirramaa laatera.
 
Qorataan poolisii mana obbo Jawaar Mahaammaditti saatalaayitoota nama dhuunfaa harkatti hin argamnee fi meeshaalee elektirooniiksii dhoksaan alaa galan argachuu beeksise.
 
Poolisiin mana murtiitin yeroo qorannaa laatameefitti hojiilee qorannaa haaraa dhiyeessera.
 
Haaluma kanaanis mana obbo Jawaar Mahaammaditti saatalaayitoota nama dhuunfaa harkatti hin argamnee fi meeshaalee elektirooniiksii dhoksaan alaa galan argachuu beeksiseera.
 
Meeshaalee kanneeninis bilbiloonni namoota beekamoo butamuun dhaggeeffatamaa turaniiru jedhe poolisiin.
 
Obbo Jawaar miidiyaa isaanii fayyadamuunis walitti bu’iinsi sabaa fi amantaa akka uumamu waamicha dhiyeessaniin naannoo Oromiyaa bakka addaddaatti lubbuun namoota 109 darbeera jedheera qorataan poolisii.
 
Dabalataan namoota 137 irratti miidhaan qaamaa qaqqabuu, hoteelota 44, manneen dhuunfaa 328 gubachuu, siidaaleen 2 guutummaan diigamuu, dhaabbilee daldalaa 199 fi dhaabbilee mirga namoomaarratti miidhaan qaqqabuu, dhaabbileen dhuunfaa 26 fi konkolaattonni 56 gubachuu ibseera.
 
Dabalataan Burraayyuutti lubbuun namoota 4 darbuu, namoota 4 irratti miidhaan qaamaa qaqqabuu, Burraayyuu qofatti miidhaan qabeenyaa Birrii miiliyoona 7 barbadaa’uu eerera.
 
Poolisiin yeroo qorannaa dabalataa guyyootii 14 gaafatee, manni murtii ammoo Hagayya 5,2012tti beellama jijjiirramaa laatera.
 
Abukaatonni obbo Jawaar Mahaammad gama isaanitiin dubbichaan maamila isaanii hidhanii tursuu fi mana murtii dhiibbaa keessa galchuuf yaalamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Obbo Jawaaris himannaa irratti dhiyaate mormuun, dhaddacharratti miidiyaaleen dhuunfaas akka seenan, yoo ta’uu baatemmoo kan mootummaatis akka hin seenne akka dhoorkaman gaafataniiru.
 
Dabalataan obbo Jawaar nagaa biyya kanaatif hojjechaa turuu, Lixaa fi Kibba Oromiyaatii hidhattoota kuma 1 ol abbootii Gadaa waliin ta’uun galchuu fi meeshaalee waraanaas mootummaaf laachisuu isaanii ibsaniiru.
 
Rakkoon naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee jidduu ture akka furamu akka jaarsaatti tajaajilee milkeesseraan ibsan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.