Fana: At a Speed of Life!

Maqaa dhaabbataatin carraan isiin qaqqabeera jechuun hojiin waliin dhahuu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC)- Maqaa dhaabbata Kookaa Kollaatin carraan badhaafamuu isiin qaqqabeera jedhuun  hojiin waliin dhahuu hojjetamaa jiraachuu komishiniin poolisii federaalaa ibseera.

Dhaabbatichi maamiiltoota isaaf sagantaa badhaasaa qopheessee ture kanaaf maamiltoota filatamaa keessaa tokko isiin jechuun badhaafamoo doolaraa kuma 200 ta’uu keessaanii baga gammaddan kan jedhuu ta’uu komishinichii ibseera.

Kanarratti hundaa’ee qaamoleen kunneen dhimmoota garaagaraa raawwachiisuuf Birrii Ityoophiyaa kuma dhibba 6 fi kuma 40 ergaa jechuun waliin dhahuu ibseera.

Midhamtoonni tokko tokkoo guyyoota adda addaa fi herregaa baankii garagaraarratti qaamolee waliin dhahaaniif Birrii kuma dhibba 6 fi kuma 40 erga galii taasisaniif booda eessa buuteen isaanii akka dhabamees . komisinichii himeera.

Akka fakeenyaatti namni dhuunfa godina Horro Guduruu Wallaggaarrati Birrii kuma dhibba 6 fi kuma 40 qaamolee waliin dhahaniif galii erga taasisanii booda shakkamtoonni eenyummaasaanii dhoksuu komiishinichaaf ibsaniiru.

Haaluma walfakkatuun magaalaa Finfinneetti baarsisaan tokkoo herregaa qaamolee waliin dhahaaniirratti Birrii kuma 48 galchuu poolisiif ibsaniiru.

Yakka kana fashaleessuuf poolisiin tattaaffii taasiseen qaamoleen waliin dhahaan kunneen herregaa baankii fi siim kaardii kan ittin baasaan waraqaa eenuummaa sobaa (Forged) akka ta’ee ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.