Fana: At a Speed of Life!

Marii sadee guutinsa Bishaan Hidha Haaroomsa Guddicha Ityoophiyaa baatii 4 keessatti xumuruuf walii galame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Ijipti Abdulfattaahiii Alsisiin Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad simachuun dubbisaniiru.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii walitti dhufeenya hunda galeessa faayidaa ummata biyyoota lamaan mirkaneessuuf hariiroo waloo gama siyaasaa, Diinagdee fi Aadaa fooyyessuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Murannoon hoggantoota kanneenii nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf gumaachi qabu olaanaa ta’uurra darbee qormaatilee biyyoota lamaan mudatu ce’uuf murteessaa ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.

Marii Sadee Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf furmaata laachuuf qabxiiwwan 2 irratti walii galaniiru.

1. Guutinsa Bishaanii fi dambiiwwan hojmaata hidhichaa ilaalchisee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Ijipti gidduutti mariin taasiifamu saffisaan akka eegaluu fi marichi baatii 4 keessatti xumuramuuf waliigalteerra ga’ameera.

2. Ityoophiyaan qabeenya qabdutti fayyadamtee yeroo guutinsa hidhichaa bara 2015-2016tti keessa raawwattu Ijiptii fi Sudaan dhiyeessii bishaan laga kanaa irratti rakkoon akka hin mudanne taasisuuf murannoo qabaachuu mirkaneessiteerti.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.8

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.