Fana: At a Speed of Life!

Mariin nageenyaa yeroon gaggeeffamuun Ityoophiyaaf nageenya waaraa, araaraa fi badhaadhina milkeessa- Mootummaa Jarman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Mariin nageenyaa yeroon gaggeeffamuun Ityoophiyaaf nageenya waaraa, araaraa fi badhaadhina kan milkeessu ta’uu Mootummaa Jarman ibse.

Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumame furuuf tarkaanfiiwwan haaraan mootummaa Ityoophiyaan fudhatamaa jiran gara kallattii sirriitti kan geessan ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Jarman ibseera.

Ministeerichi ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, walitti bu’iinsa ABUT fi mootummaa federaalaa gidduutti uumame waaraan furuuf mariin nageenyaa barbaachisaa ta’uu kaaseera.

Marichi yeroon gaggeeffamuun naannoo Tigraayiif qofa osoo hin taane Ityoophiyaaf nageenya waaraa, araaraa fi badhaadhina kan milkeessu ta’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.