Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)-  Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee guyyaa boruu kabajamu ilaalchisee mariin Paanaalii magaalaa Buraayyuutti  gaggeeffameera.

Irreechi duudhaa araaraa fi Jaalalaa Oromoon qabu keessaa isa tokko waan ta’eef, duudhaalee keenyaatti yoo deebine rakkoolee qabnu hiikkachuun cinaatti karaa ittiin badhaadhinaatti ceenudha ta’aa jedhan, Hogganaan Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo maricharratti haasawaa taasisaniin.

Irreechi sirna galateeffannaa Oromoon bacaqii gannarraa booqaa birraatti nagaan waan ce’eef galata galchuudha jedhan.

Irreechi duudhaalee araaraa fi jaalalaa bareeda Oromoon qabuu ta’uu eeruun, sirni Gadaa sirna dubartootaa fi dhiirotaas wal qixa ilaaluun addunyaaf fakkeenya ta’ee jedhan.

Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee hangam Oromoon dubartootaaf kabaja guddaa akka qabu kan agarsiisuu ta’uu ibsuun, ayyaannichi karaa nagaan akka kabajamuuf hundi tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaaw Gizaaw gamasaaniin, Uummatni Oromoo aadaa bareedaa addunyaaf fakkeenya ta’uu qaba, aadaa ofii abbaatu jabeeffata jedhan.

Kana gochuuf bulchiinsi magaalichaa Abbootii Gadaa fi Biiroo Aadaafi Tuurizimii waliin  ciminaan hojjachaa jiraachuu himuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.