Fana: At a Speed of Life!

Mata duree ‘filannoo fi hirmaannaa hoo’aa dubartootaa’ jedhuun mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa mata duree ‘filannoo fi hirmaannaa hoo’aa dubartootaa’ jedhuun marii gaggeessaa jira.

 

Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaatti komishinarri dhimma dubartootaa fi daa’immanii aadde Masarat Maammoo Ityoophiyaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf seeroonni dandeessisan heera mootummaa eegalee seerotaa fi imaamatoota keessatti hammatamuu dubbataniiru.
Heera mootummaa keeyyata 38 irratti lammiin Ityoophiyaa kamiiyyuu koorniyaa yookaa waan biroon loogiin osoo irra hin ga’in mirga filamuu akka qabu tumameera.
Wayita filannoo miidiyaaleen hawaasummaa fi kanneen biroo miidhaa qaamaa fi xinsammuu geessisuun dubartoonni kaadhimamaa, hoggansaa filannoo olii hanga gadiitti keessatti akka hin hirmaanne dhiibaa olaanaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.
Sababa ilaalcha dogongoraan hirmaannaan siyaasaa fi mirgi lammummaa dubartootaa dhiibbaa keessa turuu eeraniiru.

 

Dubartoonni filannoo itti aanu keessatti hirmaachuun ijaarsa demookraasii fi misooma hundagaleessa keessati abbaa murtoo akka ta’an paartiileen hirmaannaa isaanii cimsuun ga’ee irraa eeggamu akka ba’an gaafataniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.