Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 200 olitti tilmaamuu to’atame

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 218’tti tilmaamu to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi Amajjii 5-11, 2015’tti hordoffii taasiseen meeshaalee galii Birrii miiliyoona 142 .6, meeshaalee ba’ii Birrii miiliyoona 75.4 walumaagalatti meeshaalee kontirobaandii Birrii miiliyoona 218 waajjiraalee damee koomishinichaa garaagaraatti to’achuu beeksiseera.

Meeshaalee to’atamaniis, huccuuwwan, boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektrooniksii, buna, qorichaa, konkolattootaa, meeshaalee bareedinaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, balaa sammuu hadoochu, zaayita nyaataa fi maallaaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen to’atamanis qindoomina hojjettoota koomishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannolee fi hawaasaan yoo ta’u, namoonni dhuunfaa meeshalee kontirobaandii kana daddabarsaa turanii fi konkolaattonni 8 to’annoo jala oolfamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.