Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 23 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Torbee darbee keessatti meeshaaleen kontiroobaandii fi meeshaaleen waraanaa  Birrii miiliyoona 23.5 ttii tilmaamamu to’aannoo jala oluu Ministeerri Galii beeksise.

Caamsaa 5 hanga 11, 2012 to’annoo jalaa kan oolaan meeshaaleen kanneen karaa seeraan alaa fi maqaa tuuristiin kan galan ta’u ibsameera.

Kanafiis konkolaattoota, jijjiirraa konkolaattoota, uffaataa haaraa fi moofaa, elektirooniksii, qorichoota guyyaan itti darbe, nyaataa fi meeshaalee nyaataa, bilbiloota, jimaa, sigaaraa akkasumaas baalaa sammuu nama addoochuu fi shiishaan buufatalee sakkattoo gumuruukaa garaagaraatti taasifameen to’atamuu ministeerichi beeksiseera.

Gama biraatiin eeruu hawaasa biraa argameen shugguuxii Tuurk fi  rasaasni kumni 14 fi 474  fi shugguuxiin Istaar 3 magaalaarra garaa Finfinnee imalaa osoo jiru sakattoo taasifameen konkolaachisaa 2 waliin to’annoo jala olaaniiru.

Kanarraa darbee guyyaa eeramee keessatti daandii xiyyaaraa Boolee fi buufata sakattoo gumuraka Mojoon meeshaaleen galaan sanadaa fi Birrii waliin dha’uun darbasuuf kan yaalamee yoo ta’u, sakattoo cimaa taasifameen Birriin miiliyoonni 4.6 ol mootummaaf taaksii fi gibiraa dabalataa akka kaffalalu taasifamuu ragaan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.