Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 130’tti shallagaman to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 30tti shallagaman to’atamuu ibsame.

Torban darbe hordoffii taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 99.2’tti tilmaamamaniifi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 31.1’tti shallagaman to’atamuu Komishiniin Gumruukaa eereera.

Meeshaaleen kunneenis uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, qoricha sammuu namaa hadoochuufi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinii Gumruukaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan to’atamuu eerameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 11 to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.