Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 131 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Torbee darbe keessa meeshaaleen kontiroobaandii karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuu fi alatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 31 fi kuma dhibba 4 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiise.

Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumurukaa Mooyaalee,Dirree Dawaa fi Jigjigaatti to’atamuu ibseera.

Shakkamtoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 15 to’annoo jala ooluus komishinichi himeera.

Uffataaleen, Boba’aa, Horiin gaanfaa, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichi, konkolaattoonni, meeshaaleen faayaa, Waraanaa, Jimaa, baalli sammuu adoochuu fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa meeshaalee to’ataman keessatti kan argaman ta’uu eereera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.