Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 197 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 197 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksise.

Koomishinichi Fulbaana 4-11, 2016’tti hordoffii taasiseen meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona 92.3’tti tilmamaamaaniifi fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona dhiibbaa105.3 tti tilmaamamu waliigalaa Birrii miiliyoona 197.7 to’achuu ibseera.

Meeshaaleen to’atamaniis, uffaanaalee, boba’aa, beeyladoota, meeshaalee elektrooniksii, Buna, Qorichoota, konkolaattoota, meeshaalee bareedinaa, meeshaalee waraanaa,Jimaa, baala sammuu hadoochuu zaayitaa nyaataa fi mallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.