Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 46 olitti tilmaamaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Torbee darbee Meeshaaleen kontiroobaandii galii fi baasii Birrii miiliyoona 46 olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu Komishinii Gumurukaa ibseera.

Meeshaaleen kunneen hojjettoota komishinii gumurukaa, poolisii federaalaa, raayyaa ittisa biyyaa, miseensoota poolisii naannoo fi hawaasa waliin sakattoo taasifamee to’annaa ooluu ibsameera.

Meeshaalee to’annaa jala oolan keessaa uffataalee, elektirooniksii, qorichoota, kophee, baala sammuu nama hadoochuu, meeshaaleen waraanaa fi maallaqoonni biyoota garagaraa keessaatti argamu.

Meeshaalee kontiroobaandii kanneen daddabarsaa kan turan namoonni dhuunfa afur to’annaa jala ooluu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.