Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 66 olitti tilmaamamu to’atamuu ibsame

Amajjii 2, 2015(FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 66 fi  kuma dhibba 6’tti tilmaamaman Waajjiraalee Gumruukaa dameewwan Dirree Dawaafi Jigjigaatti to’atamuu Komishiniin Gumruukaa ibse.

Waajjira Gumruukaa Damee Dirree Dawaatti jimaa jiidhaa dabalatee meeshaaleen kontiroobaandii biroon Birrii miiliyoona 54 olitti tilmaamaman to’atamuu komishinichi eereera.

Bifuma walfakkaatuun Mudde 25-30, 2015tti  hordoffii taasifameen Waajjira Gumruukaa Damee Jigjigaatti jimaa jiidhaa dabalatee meeshaaleen kontiroobaandii biroon Birrii miiliyoona 12 olitti shallagaman to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Komishinichi qaamolee hojii seera kabachiisuu kanarratti hirmaatan hunda galateeffateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.