Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 73 olitti tilmaamaman to’annaa jala olaan

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Baatii Adooleessaa 16 hanga 22, 2013tti Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 73 olitti tilmaamaman to’annaa jala oluu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Meeshaaleen kunneen biyya keessaa baafamuu fi galfamuuf wayita yaalanitti to’anna jala kan oolanidha jedhameera.

Meeshaalee kanneen keessaa maallaqoonni biyyoota alaa, warqeen, uffataaleen garagara, kopheen, nyaanni, meeshaaleen waraanaa, elektrooniksii, sigaaraa,qorichoonnii fi kanneen biroon keessaatti argamuu jedhameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kun kan to’atamaan tumsaa eeruu uummataa fi qaamoleen nageenyaatiin ta’uu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.