Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii garagaraa Birrii miiliyoona 13 ol baasu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 9(FBC) – Meeshaaleen koontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 13 ol baasu to’atame.

Meeshaaleen koontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 1 fi kuma 23 fi 449 baasuu fi meeshaaleen gatiin hin baaneef biroon buufataalee sakattootti to’atamuun ibsame.

Meeshaaleen kunneen buufataalee sakattoo Baahiir Daar, Jigjigaa, Matammaa, Kombolchaa, Harar, Awaash, Toogoo Wuchaalee, Maqalee, Afaar aanaa Dulachaa, Gujii Bahaa aanaa Shakkisoo fi kanneen birootti kan to’atamaniiru.

Meeshaleen kooniroobaandiin kunneen meeshaalee waraanaa, uffata, jijjiirraa qaama konkolaattootaa, meeshaalee elektirooniksi fi nyaata yeroon irra darbe ta’uu ibsameera.

Karaa seeraa alaan daddarbaa kan ture Doolaarri Ameerikaa kumni 26 fi 900 ol naannoo Jigjigaatti kan to’atame yoo ta’u, meeshaaleen faayaa giraamni 60 gara Soomaalee laanditti ba’uuf otuu jedhu to’atameera.

Akkasumaas qorichoonni fi shiishaan gara biyyaatti galuuf tures to’atamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.