Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa dhugaatiin alkoolii qaama namaarran ga’u

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 – Miidhaa dhugaatiin alkoolii qaama namaarran ga’u

Alkoolii dhuguun dhiibee gara garaatiif nama saaxiluun jireenya namaa miidhuu irratti argama.

Miidhaa dhugaatiin alkoolii qaama namaarraan ga’u keessa muurasni;

Sammuu irratti alkooliin qaama sammuu serebileemii jedhamu miidhuun iji namaa akka seeraan hin ilaallee fi sirriitti deemuu akka in dandeenye taasisa.

Dandeettii waa yaaduu fi yaadachuu keenyaa guutummaa guutuutti balleessuu danda’a.
Qaamni namaa keessumaa gara miilla lamaan hadooduu fi miirri gubuu namatti dhaga’ama.

Sirna buullaa’insa soorataa irrattimiidhaa cimaa qaqqabsiisu danda’a. Dhukkuba garaachaa haga dhiigsuutti akkasumaas baqaquu qoonqoo, kulkuluu rajiijii fi dhukkuboota tiruu haga kaanserii tiruutti qaqqabsiisu danda’a.

Sirna dhiigaa irrattis miidhaa ni qaqqabsiisa oomisha dhiiga adii gadi buusa, hir’ina nyaataa irraan hir’ina dhiigaa fida fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu nihir’isa.

Onneen keenya akka sirnaan hin kottoonfanne taasisa
Carraa kaanseriiqabamuu ni dabala

Maddi: Access medicine

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.