Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa Hidha Haaromsaarra ga’u kamuu ittisuu fi tarkaanfii deebii fudhachuuf qophii ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI beeksise

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) –Miidhaa Hidha Haaromsaarra ga’u kamuu ittisuu fi tarkaanfii deebii fudhachuuf qophii ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI beeksise.

Eetaamaajooriin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad, Ajajaa olaalaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi hoggantoonni olaanoo raayyaa ittisaa Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Daawwii isaanitiin Hidha Haaromsaa tumsa ummataatin ijaaramaa jiru adeemsa ijaarsichaa daawwachuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRIrraa argame ni muul’isa.

Wayita kana raayyaan ittisaa nageenya biyyattii fi walabummaa ishee kabachiisuuf ergama isaa ba’aachaa kan jiru ta’uu Eetaamaajooriin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam dubbataniiru.

Miidhaa Hidha Haaromsaarra ga’u kamuu ittisuu fi tarkaanfii deebii fudhachuuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.

Raayyaan ittisaa proojaktichi fiixan akka ba’uuf ergama ummatnii fi mootummaan itti laate haala gaariin ba’achaa jiraachuu kan ibsan Jeneraal Adam, raayyaan ittisaa hidhichi erga eegalamee kaasee baatidhaan mindaasaaniirraa qusachuun ga’ee lammummaasaa ba’achaa jira jedhan.

Daawwannichi raayyaan ittisaa haala adeemsa ijaarsi hidhichaa irra jiru hubachuun wayita ammaa kallattii garagaraan oduu sobaa adeemaa jiru ittisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Ajajaa olaalaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaanitiin humni qilleensaa miidhaa qilleessaa naannichatti qaqqabu kamuu ittisuufis ta’e tarkaanfii deebii fudhachuuf qophii ta’uu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.