Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaalee yaadolii ummata walitti buusan tamsaasanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Miidiyaalee yaadolii ummata walitti buusan tamsaasanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame.

Ittigaafatamaan Waajjira Prees Sakreetarii Muummee MInistiraa obbo Nugusuu Xilaahuun Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, yaadoliin jibbiinsaa waltajjiiwwanii fi miidiyaaledhaan darban tokkummaa biyyaa laaffisu jedhan.

Miidiyaalee fi paartilee siyaasaa yaadolii akkanaa tarkaanfachiisanirratti Boordii Filannoo Biyyoolessaa fi Abbaa Taayitaa Broodkaastii Ityoophiyaa waliinmari’achuudhan tarkaanfiin walgitaan ni fudhatama jedhaniiru.

Waltajjii guyyaa dubartootaa KFO kaleessa Adaamaatti gaggeeffamerratti ergaan OMN darbe heera kan cabse, tokkummaa fi waliin jireenya ummataas kan sarbe jedhan.

Dubbichi dogoggora osoo hin taane, badiidhas jedhan obbo Nugusuun.

Abbaan taayitichaa miidiyaalee yaadolii ummata walitti buusan, jibbiinsaa fi walshakkii uuman dabarsanirratti tarkaanfii fudhachuu kan eegalu ta’uu beeksiseera.

Yaada bilisaa fi dirree demokraasii bal’isuuf yaalamus, miidiyaaleen kallattii gadhiisaa jiru jedhan itti aanaan daayreektara olaanaa abbaa taayitichaa obbo Wandoosan Aandu’aalam ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif laaten.

Baatiiwwan 6n darbanitti miidiyaalee 49f duub deebiin laatamuus ibsaniiru.

Miidiyaalee 4f, ergaan akeekkachiisaa bilbilaa fi xalayaadhan qaqqabuu ibsaniiru.

Miidiyaaleen jibbiinsa, tokkummaarra garaagartee lallaban of gamaaggamuu qabus jedhan itti aanaan daayreektara olaanaa abbaa taayitichaa.

Abbaan taayitichaas ergaalee darban gamaaggamaa jiraachuu ibsan.

Daayreektarri olaanaa OMN obbo Girmaa Guutamaa fi OMN karaa fuula Feesbuukii isaanitiin rakkoon kaleessaa tamsaasa kallattiirratti kan mudate ta’uu ibsuun, dhiifama gaafataniiru.

Tamsaasni kallattii battala haasaan taasifametti adda cituu baatus, miidiyaa hawaasummaarraa kaafamuu beekasisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.