Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen Amantaa duudhaaleen waloo akka cimuuf qoodni isaanii olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Miidiyaaleen Amantaa duudhaaleen waloo fi waliin jireenyi akka dagaaguuf ga’een isaanii olaanaa ta’uu Abbaan Taayitaa miidiyaalee Ityoophiyaa ibse.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa waliin ta’uun waltajjii marii mata duree ”miidiyaaleen manneen amantaa duudhaalee waloo cimsuu “ jedhuun magalaa Finfinnetti gaggeessaa jira.

Dariikteeri Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahammad Idiriis, midiiyaaleen manneen amantaa ;nageenya ,tokkummaa fi waldaanda’uu barsiisuurratti shoraa olaana bahuu qabu jedhan.

Miidiyaalee manneen amantaa eeyyama abba taayitaa irraa fudhatan 46 kessaa 23 qofti dambii ittiin bulmaataa abbaa taayiticharraa kennameefiin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kayyoon waltajjichaa waldanda’uufi waliin jireenya amantaalee biyyattii waggoota dheeraaf ture cimsuuf akkasumas ijaarsa duudhaalee nageenyaarratti ga’ee isaanii akka ba’ataniif ta’uu eerameera.

Barsiifanni miidiyaalee amantaa rakkooleef furmaata kan kennan,biyyaafi lammii gaarii  kan ijaaran ta’uu akka qaban ibsuu ragaan abbaa taayiticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.