Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni Hidha Haaromsaa bu’aa tokkummaa fi tumsa keenyaati- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee Hagayya 6, 2014(FBC)- Milkaa’inni Hidha Haaromsaa bu’aa tokkummaa fi tumsa keenyaati jedhan Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Lammiileen Ityoophiyaa hundinuu guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa Guddichaa marsaa 3ffa milkiin xumuramuu isaatiin baga gammaddan jedhaniiru.

Pirojektiin Hidha Haaromsaa Guddichaa dhiibbaa namtoolchee kamiinuu osoo hin mo’amiin bu’aa guddaa kana galmaan gahuu danda’uun isaa ciminaa fi tumsa dhaloota kan agarsiisu ta’uu eeraniiru .

Milkaa’inni Hidha Haaromsaa bu’aa tokkummaa fi tumsa keenyaati jedhaniiru.

Pirezidaantii Shimallis Ityoophiyaan tattaaffii tokkummaa ijoollee isheetiin qormaata mudateef harka hin kennine gara fuula-duraatis injifannoo ajaa’ibaa galmeessisuun akka itti fuftu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni tokkummaa hidha haaromsaa guddicha irratti agarsiisan dameewwan biroo irrattis akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.