Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatota waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC)- Ambaasaaddaronnii fi Dippiloomaatonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an Ministeera Innooveeshiinii fi Teeknooloojii waliin mari’atan.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaaw, ergamni olaanaan dippiiloomaatoota inni guddaan michuuwwan Ityoophiyaa dabaluu, maqa gaarii biyya ijaaruu, investimaantii alaa harkisuu, oomishaalee Ityoophiyaaf gabaa barbaaduu fi mirga lammiilee kabachiisuudha jedhan.

Dabalataaniis teeknooloojii bu’aa qabeessaa ta’aan gara biyyaa galchuuf haalaa mijeessuudhas jedhaniiru.

Mariin Ministeerri Innooveeshiinii fi Teeknooloojii ambaasaaddarotaa fi dippiloomaattota biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an waliin taasisan bu’aa qabeessa ta’uu ragaan fuula Twiitaraa minsteericharra argamee ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.