Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi hawaasa Booranaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 2.3 taasise

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015 (FBC)- Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hawaasa Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa garaagaraa Birrii miiliyoona 2.3’tti tilmaamamu taasiseera.

Jilli Ministira Ministeerichaa Dooktar Haabtamuu Ittafaan durfamu hawaasa godinichaaf deeggarsa midhaan nyaataa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 2.3 olitti tilmaamu taasiseera.

Deeggarsichi gahaa ta’uu baatus, yeroof rakkoo keessa jiran hanga tokko akka furuuf Dooktar Habtaamuun ibsaniiru.

Gama biraatiin, ministeerichi haqina dhiyeessi tajaajila bishaan dhugaatti godinichaa furuuf qooda fudhattoota biroo waliin furmataa waaraa kan barbaadu ta’as jedhan.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hanga ammaatti hawaasa Booranaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 9 olii taasisuun ibsameera.

Sababa hongeen hawaasni booranaa kumni 604 qe’ee fi qabeenyaa isaarraa buqqa’uu Bulchaan Godina Boooranaa Obbo Jaarsoo Booruu himaniiru.

Akka godinichaatti oomisha qonnaa kuntaalaa miiliyoona 1 ol argamsisuuf karorfamus sababa hongeen kuntaala kuam 10 qofaan akka waliitti qabame himaniiru.

Aanaalee godinicha torba keessatti hongeen mudata jiraachuu himanii, hawaasa hongeen miidhamaa jiru cinaa lammiileen biyyattii akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.