Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi kaffaltoota gibiraafi taaksiif damee Adaamaaf beekamtii kenne

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii Kaffaltoota Gibiraa fi Taaksii damee Adaamaaf beekamtii kenneera.
Ministeera Galiiwwaniitti Waajjirri Damee Adaamaa kaffaltoota gibiraa bara 2015’ keessa amanamummaa fi yeroon gibira isaanirraa eegamu kaffalaniif beekamtii kenneera.
Hojii gaggeessaan damee Adaamaa Obbo Salamoon Darribeen, kaffalaa gibiraa amanamaa qabaachuun imala badhaadhina biyya galmaan ga’uu keessatti qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Magaalaa adaamaatti nagahee sobaa maxxansiisuun kaffalaa gibiraa yakka burjaajessuu raawwachuun to’anna jala oole hidhaa cimaa waggaa 15 fi Birrii Kuma 60 adabamuu Itti Aanaa Hojii Gaggeessaan damichaa Obbo Tasfaayee Hayiluu ibsaniiru.
Namoota nagahee seeraan alaa fayyadamuun shakkaman 68 keessaa namoota 63 irratti himanni banamuu eeraniiru.
Ministeera Galiiwwaniitti Waajjirri Damee Adaamaa baatiwwan jahan darban galii Birrii biiliyoona1fi miiliyoona 700 walitti qabuuf karoorfatee, Birrii biiliyoona1fi miiliyoona 800 walitti qabuu Obbo Salamoon himaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.