Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa hoggantootaa fi koomiishinaroota nageenyaa fi bulchiinsa naannolee waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa hoggantootaa fi koomiishinaroota nageenyaa fi bulchiinsa naannolee waliin mari’ate.

Ministeerichi maanuwaalii raawwachiisaa gorsaa garee bilisaa fi sagantaa tajaajila hawaasaa, tola ooltummaa biyyaalessaarratti marii gaggeessera.

Ministirri ministeerichaa aadde Mufariyaat Kaamiil gareen gorsaa bilisaa hawaasa gidduudha kan filataman ta’uu ibsaniiru.

Garichi yakka duursanii ittisuurratti tajaajila poolisii laachuu akka danda’uu fi poolisii waliin ta’uun qindoominaan tajaajila hawaasaa qulqulluu fi bilisa ta’e ni laata jedhaniiru.

Sagantaa tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa irrattis mari’atameera.

Saganticha eegalchiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatuuf hojiin hubannoo uumuurraa eegalee hojiilee hedduun hojjetamuu ibsameera.

Hojii barbaaddonni koolleejjii fi yuunvaarsiitiiwwan garaagaraa irraa ebbifamanii qaama sagantichaa ta’uuf galmaa’aniiru.

Haata’uutii, aanolee tokko tokkotti hanqina odeeffannoorra ka’uun akkaataa barbaadameen galmee gaggeessuun hin danda’amne jedhameera.

Naannoleen rakkoo kana furuun adeemsa galmee saffisiisuu akka qaban dubbatamuu isaa ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.