Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Qonnaa godina Booranaatti deeggarsa marga beelii kuma 77 taasise

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Ministeerri Qonnaa godina Booranaatti deeggarsa nyaata beelladaaf ooluu marga beelii kuma 77 taasiseera.

Godinichatti aanoolee 11 keessaatti hanqina rooba muudateen beelladoota naannichatti argamaan irratti miidhaan qaqqabaa jiraachuu ibsameera.

Ministir deettaan ministeera qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggasaa, deeggarsi taasifamee miidhaa beelladootarra gahaa jiru han hambisuu ta’u ibsuun, yeroo itti aanuutti fala furmaata kaa’uuf gareen qorannoo taasisuu gara naannichaa imaluu ibsaniiru.

Itti aanaan biiroo qonnaa fi qabeenyaa uumamaa fi itti gaafatamaan misoomaa beelladoota obbo Tooleera Dabalaa gama isaaniin goginsa mudatee ittisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.