Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon wayita Buufata Daandii Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministiri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw simatamaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon obbo Gadduu Andaargaachaw waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi hariiroo idil Addunyaa akkaataa cimsuun danda’amurratti ni mari’atu.

Maayik Poompiyoon turtiisaanii kanaan Muummee ministira Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdaanti FDRI Saahilawarq Zawdee waliinis ni mari’atu jedhameet eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.