Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Alaa Biraaziil boru Finfinnee galu

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Biraaziil Ambaasaaddar Mawuroo Viyeeraa daawwannaa hojiif boru Finfinnee akka galan eerame.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Biraaziil Jaandiir Fereera Dos Saantoos akka jedhanitti, Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa fi Giddugala Bahaa Ambaasaaddar Kaarloos Duwaarteem garee jilichaa waliin dhufu.

Ministirichi Dhimma Alaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin akkasumas Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uu DhPI gabaaseera.

Daawwannaa isaaniin Biraaziil tumsa Ityoophiyaa fi Afrikaa waliin qabdu cimsuuf dhimmoota dandeessisan irratti ni mari’atu jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.