Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen abbaa qabeenyaa Jibuutii obbo Diirree Alii waliin marii’atan

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen abbaa qabeenyaa Jibuutii obbo Diirree Alii waliin marii’atan.
Obbo Diirree Alii Ityoophiyaatti abbaa qabeenyaa Alviimaa Food Koompleeksii yoo ta’an, oomisha paastaa oomishuun Jibuutii fi Somalee Laandiitti erguun sharafa alaa argamsiisaa akka jiran ibsameera.
Ministirri Qonnaa obbo Umar lammiilee Ityoophiyaaf carraa hojii uumuu, oomisha paastaa alaa galan bakka buusuu fi sharafa alaa galchuu irratti gaheen abbaan qabeenya kun bahatan dinqisiifataniiru.
Itti dabaluunis, Mootummaan abbootii qabeenyaa akka kanaa jajjabeessuuf tumsa barbaachisu mara akka taasisu ibsaniiru.
Obbo Diirree Alii gama isaaniin, hojii isaanirratti deeggarsa gama mootummaan isaaniif tahe dinqisiifataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.