Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa fi hoggantoonni ministeera fayyaa sosochii dhaabbilee fayyaa Shawaa Bahaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 9, 2013 (FBC ) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi hoggantoonni Ministeera Fayyaa waliin ta’uun sosochii dhaabbilee fayyaa Shawaa Bahaa daawwataniiru.

Qaamoleen kunneen Hospitaala Waliigalaa Bishoooftuu, buufataalee fayyaa aanaalee Ada’aa fi Loomee daawwataniiru.

Dawwannicharratti walitti qabdoonni koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa,Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi aadde Alem Tsahaay Phaawuloos argamaniiru.

Haala kenniinsata tajaajila dhaabbilee kanneenii erga daawwatanii hoggantoota buufataalee fayyaa kanneenii waliin mari’ataniiru.

Tajaajila yeroon itti aanu fooyya’uu qabanirratti yaada wal jijjiirruu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.