Fana: At a Speed of Life!

Misooma beelladaarraa fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira-Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Misooma beelladaarraa fayyadamummaa qonnaan bulaa fi horsiise bulaa mirkaneessuuf dhibeewwan beelladoota mudataniif talaallii hatattamaa kennuun dhabamsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu Ittaantuun hogganaa fi Itti gaafatamtuun damee eegumsa fayyaa beelladaa Dooktar Aminaa Abduramaan ibsan.

Duulli talaallii dhukkuba (PPR) kan re’ootaa fi hoolatarratti dhiibbaa geessisaa jiru dhabamsiisuuf duulli talaallii kennuu godina Harargee Bahaa aanaa Doobbaa fi Gooroo Guutuutti bakka Dooktar Aminaa argamanitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee misooma beeladarraa argamu guddisuuf  hudhaawwan gama misoomaa fi fayyaa beeladaa jiran adda baasuun akka fala argataniif hojjechaa jiraachuu eerameera.

Dhukkuboota oomishaa fi oomishtummaa bu’aa beeyladaa miidhan talaallii hatattamaa kennuudhaan naannoo fi biyyi diinagdee bu’aa beeladaarraa akka fayyadamtuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Aminaan kaasaniiru.

Duulli talaallii dhukkuba ‘PPR’ aanaalee Oromiyaa 65 fi gandoota baadiyyaa kuma 1fi 413 keessatti hoolotaa fi re’oota miliyoona 13 fi kuma 8 oliif kennamuuf karoorfatamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.