Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad aanaa Heexoossatti Qamaadii Qonnaan Gannaan misoome daawwatan

Finfinnee, Onkololeessaa 3, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Godina Arsii aanaa Heexosaatti Qamadii Qonnaan Gannaan misoome daawwataniiru.
Daawwannicharratti Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannolee argamaniiru jedhame.
Lafa kana dura misoomaa hin turre kilaasteraan Qamadii misoomsuun midhaan nyaataan of danda’uuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Abiy Kaasaniiru.
Misoomni Qonnaa Bu’uura Guddinaa ta’uu isaan xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qonnaan bultoota bu’aa qabeessa kan taasiisu ta’uus dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara kana Qamadii Qonnaan Gannaan misoome keessaa % 74 kilaasteeran kan misoomu ta’uu Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Akka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 8 qotame keessa lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 88 kilaasteraan kan misoome ta’uu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.