Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon  gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy fuula Twiitara isaaniin akka ibsanitti, obbo Galaasaa Dilboo sosochii barattootaarra eegalee bilisummaa fi walqixxummaa uummata Oromoof qabsa’aa turuu yaadachiisaniiru.

Keessaayu wayita qabsoon naannoo Somaaleetti ture rakkoo fi gidiraa hamaa keessa akka turan naaf himaniiru jedhan MM Abiy.

Dhiyeenyatti affeerraa hoggansa jijjiirramaatin taasifameef fudhachuun gara biyyaasaanii deebi’uun karaa nagaatiin qabsaa’uurra darbee filannoo bara 2013 dhuunfaan dorgomuun miseensa paarlaamaa ta’uu danda’aniiru.

Hamaa fi gaarii bu’aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni lamaanirraayyuu akka baratan dhama’aa turaniiru.

Obbo Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalanii fi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban turaniidha jedhaniiru.

MM Abiy Ahimad, Obbo Galaasaa kan dhabne yeroo itti hedduu nu barbaachisanittidha. Waaqayyo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu jechuun ibsaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.