Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad giddu gala Aartii Inxooxxootti Igzibiishinii Varchuwaaliin qophaa’e daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad giddu gala Aartii Inxooxxootti Igzibiishinii Varchuwaaliin Yuunivarsiitii Finfinneen qophaa’e daawwataniiru.

Igzibiishinichi manneen Kiristiyaanaa Laallibalaa varchuwaalan kan daawwachiisu ta’uu ibsameera.

Igzibiishiniin mootummaan Ityoophiyaa fi Mootummaan Faransaay waloon qopheessaan kun akka biyyaatti isa jalqabaa ta’uu himameera.

Haalli ijaarsa keessaa fi alaa manneen amantichaa suur sagaleen dhiyaateera.

Manneen amantaalee kunneen wayita sanatti dandeettii ogummaa jiru kan mul’isan ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dhaloonni har’aa kanarra barachuun hojjechuu qabna jedhan.
Lammiilee Ityoophiyaan Igzibishinii kana akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Alaazar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.