Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad kabaja Ayyaana waggaa 108ffaa Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa irratti hirmaataa jiru

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kabaja Ayyaana waggaa 108ffaa Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa irratti hirmaataa jiru

Finfinnee, Amajjii 2, 2012 (FBC) – Daawwii hojiif Afrikaa kibbaatti kan argaman Muummeen Minstiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad kabaja Ayyaana waggaa 108ffaa Paartii Koongiraasii Biyyooleessa Afrikaa Kibbaa irratti hirmaataa jiru.

Ayyaanichi magaalaa Kiimbarliitti kabajamaa kan jiru yoo ta’u Preezdaantii biyyattii dabalatee hirmaattoonni hedduun irratti argamaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimaad affeerraa Preezdaantiin biyyattii Siiriil Raamaafosaan taasiisaniifin guyyoota lamaaf biyyattiitti daawwannaa hojii irra jiru.

Kabaja ayyaana waggaa 108ffaa kana irratti Dooktar Abiy dabalatee hoggantoonni hedduun argamaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii isaaniin dhimmoota garaagaraa irrattii hoggantoota fi anga’ootaa biyyattii sadarkaa garaagaraa waliin marii ni taasisuu jedhamee eeggama.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa Lammiilee Ityoophiyaa biyyattii keessatti argamaan Faayidaa fi mirga isaanii akka eegsisuuf waamicha ni dhiyyeessu jedhameera.

Dabalataan guyyaa booru Istaadiyeemii Joohaanisbargittii hawaasa waliin wal arguuf qophiin xumurameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.