Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy maatii isaanii waliin ta’uun biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 26, 2012 (FBC) –  Muummeen FDRI  Dooktar  Abiy Ahimad  maatii isaanii waliin ta’uun mana barumsa bultii shamarranii  Mananitti baratootta mana barumsicha waliin biqiltuu dhaabaniiru.

Magaalaa Finfinneetti saganta Ashaaraa Magariisaan guyya tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 2 dhaabuuf dhaabbiin biqiltuu naannowwan magaalichaatti gaggeeffama jira.

Saganticharratti itti aanaa kantiiba magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa dabalatee deeggartoota kubbaa miilaa hedduu fi jiraattonni magaalicha irratti hirmaata jiru.

Dooktar Abiy lammiilee saganticharratti hirmaataa jiraan galateeffachuun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.