Fana: At a Speed of Life!

Moobaayila daangaa malee fayyadamuun sammuu guddattoota miidhaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Moobaayila daangaa malee fayyadamuun sammuu guddattoota miidhaa jiraachuu qorannoon ifoomse.

Lakkoofsi Guddattoota Dhibee Sammuuf saaxilamanii dabalaa jiraachuu Ogeessi Xinsummaa Hawaasummaa Ameerikaa Joonaataan Hayit qorannoo taasiisaniin ifoomsaniiru.

Qorannoo ogeessichi Barattoota Koollejjiiwwan Ameerikaa keessatti argamanirratti bara Faranjootaa 2010 – 2018 taasiiseen Guddattoonni dhibee xinsammuu hawaasaaf saaxilaman dachaan dabaluu mirkanaa’eera.

Bara 2020tti ammoo caalmaatti dabaluu eeruun, guddattoonni kutaa yaala dhibee tasaa seenuuf dirqamaa jiraachuu ibseera.

Lakkoofsi Guddattoota sababa dhibee Sammuun lubbuuf ofii balleessuuf yaalaniis dabalaa dhufuu ogeessichi qorannoo isaan mirkaneessuu himeera.

Biyyoota akka Ameerikaatti Guddattoonni kunneen harki caalu dhibeef kanaaf kan saaxilaman Moobayiloota Ammayyaa daangaa malee fayyadamuu hordofee ta’uu ogeessi kun eereera.

Sababa yeroo dheeraa Moobayila fayyadamuurratti dabarsaniif yeroon maatii fi hiriyoota isaanii waliin dabarsan daraan muraasa ta’uu himeera.

Guddattoonni kunnen araada taphoota Online fi miidiyaa hawaasummaaf saaxilamuu himuun, suur sagalee umrii isaanii hin madaalle ilaalurratti yeroo isaanii kan dabarsan akka ta’es qorannoon mirkaneessuu dubbateera.

Maatiin haala itti fayyadama Moobayila ijjoollee isaanii murteessuu fi to’achuu akka qaban hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.