Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa cimaa ijaaruuf faayidaa biyyaalessaarratti ilaalchaa walfakkaataa qabaachuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Mootummaa cimaa ijaaruuf faayidaa biyyaalessaarratti ilaalchaa walfakkaataa qabaachuun akka barbaachisu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa hubachiise.

Tajaajilichi, mata duree “Waliigaltee biyyaalessaa fi gahee dhaabbilee Kominikeeshinii” jedhuun hoggantootaa fi ogeeyyii kominikeeshiniif leenjii kenneera.

Ministir Deetaan Tajaajilichaa Kabbadaa Deessisaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, mootummaa cimaa ijaaruuf faayidaalee biyyaalessaarratti ilaalcha walfakkaataa qabaachuu barbaachisa jedhan.

Bu’uura rakkoolee Itiyoophiyaa keessaa hubachuuf, adeemsa ijaarsa nageenyaa saffisiisuuf gaheen damee kominikeeshinii olaanaadhas jedhan.

Leenjicharratti Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Alaa fi Quunnamtii Ummataa Paartii Badhaadhinaa Obbo Addisuu Araggaan mata duree ‘Ijaarsa seenessii waloo fi gahee kominikeeshinii’ jedhu irratti ibsa kennaniin, seenessiin waloo bu’uura tokkummaa biyyaa ta’uu akeekan.

Dameen kominikeeshinii ammoo seenessii kana bu’uressuu fi cimsuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Dameen kominikeeshinii fi quunnamtii ummataa leenjiin cimsuun, waliingahiinsa odeeffannoo waqtaawaa, sirrii fi walsimataa mirkaneessuuf, miidiyaa ajandaan hogganuuf, dandeetti uumuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Leenjicharratti ogeeyyii fi hoggansi kominikeeshinii fi quunnamtii ummataa sadarkaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.