Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa Preezdaantiin Keeniyaa duraanii Maawaay Kiibaakiin boqochuun gadda itti dhagaa’ame ibse

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa Preezdaantiin Keeniyaa duraanii Maawaay Kiibaakiin addunyaa kanarraa du’aan boqochuusaaniin gadda itti dhagaa’ame ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, Maawaay Kiibaakiin wayita lubbuun turan bara hoggansa isaanii hariiroo diinagdee Ityoophiyaa fi  Keeniyaa akkasumas hariiroo uummataaf daandii saaqaniiru.

Mootummaa fi uummattoonni Ityoophiyaa yeroo gaddaa kanatti mootummaa fi uummattoota Keeniyaa waliin akka jiru ibsameera.

Preezdaantii Keeniyaa 3ffaa fi biyyattii bara Faranjootaa 2003 hanga 2013 kan bulchan Kiibaakiin umrii waggaa 90 isaaniitti kaleessa boqotaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.