Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigiraayitti haala deeggarsi namoomaa taasifamurratti dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jira- Aadde Mufaariyaat Kaamil

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) –Mootummaan naannoo Tigiraayitti haala deeggarsi namoomaa taasifamurratti dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil ibsan.
Aadde Mufaariyaat Kaamil lammiilee gara Sudaanitti baqatan hojiin deebisaanii dhaabuu ni hojjetama jedhaniiru.
Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariyaat Gamtaa Aqurooppaatti Komishinara Komishinii Bulchiinsa Yeroo Balaa Yaaneez Leenaarchiichif Ityoophiyaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigiraatti raawwachaa jirtu irratti ibsa laataniiru.
Ibsichaan mootummaan dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Gamtaa Aqurooppaatti Komishinara Komishinii Bulchiinsa Yeroo Balaa Yaaneez Leenaarchiich gama isaaniin, duula olaantummaa seeraa kabachiisuun walqabatee lammiilee Ityoophiyaa gara Sudaanitti baqataniif Yuuroo miiliyoona 4 ramaduu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.