Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan tarkaanfii qaalayinsa gabaa tasgabbeessuuf fudhataa jiru cimsee akka itti fufu jiraattonni gaafatan

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Mootummaan tarkaanfii qaalayinsa gabaa tasgabbeessuuf fudhataa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Hordoffii fi to’annoon haala qaalayinsa gabaarratti taasifamaa jirus cimee itti fufeera.

Daldaltoonni karaa seera qabeessaan hojjetan hedduudha.

Mootummaan isaan kana jajjabeessuun hojii caaluuf akka of qopheessan deeggarsa barbaachisu taasisaafii jira.

Faallaa kanaan ammoo, daldaltoonni haala yeroofi caasaalee mootummaa ergama isaanii dagatanii faayidaa dhuunfaaf fiigan waliin ta’uun karaa seeraan alaa socho’anis jiru.

Isaan kun guddina dinagdee biyyaarratti dhiibbaa uumuu caalaa ummanni sababa qaalayinsa jireenyaan akka miidhamu taasisuun mootummaarrattis dhiibbaa akka taasisuuf ergama murna biyya diiguuf yaaluu milkeessuuf kan tattaafataniidha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas shira daldala keessatti uumamaa jiru to’achuuf magaalota hundarratti koree hordoffiifi to’annoo gabaa hundeessee tarkaanfii fudhachaa jira.

Haaluma kanaan, jiilli hogganaa Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Dhangee Boruun durfamu magaalaa Buraayyuutti argamee hojii qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiru qorateera.
Magaalichattis ta’ee akka naannoo Oromiyaatti qaamolee seeraan alaa qaalayinsa gabaa keessatti qooda qabanirratti tarkaanfiin haraarama hin qamne fudhatamuu eegaleera.

Kanarraa ka’uun jiraattonni tokko tokko akka yaada kennanitti hojiin mootummaan gabaa tasgabbeessuuf hojjechuu eegale gaarii ta’uu kaasuun, ammas walitti fufiinsaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru. Mootummaanis karaa ummata hirmachiseen hojichi walitti fufiinsa akka qaabu ni taasisu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Ormiyaarra argamee nu miil’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.