Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni naannoo Afaarii fi Soomaalee walitti bu’iinsa tibbana muudate karaa nagaan furuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Jilli hoggantoota olaanoo Preezdaantoota naannoo Afaarii fi Soomaaleen durfamu walitti bu’iinsa tibbana daangaa naanolee lamaanii gidduutti muudate karaa nagaan furuuf waliigalaniiru jedhame.

Preezdaantoonni lameen mariisiisummaa Ministira Ministeera nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiiliin har’a waliigalteerra ga’aniiru.

Waltajjii marii hoggantoonni olaanoon naannolee lamanii fi qaamoleen nageenyaa Federaalaa irratti hirmaaataniin walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaan gidduutti muudate ariitiin dhaabsiisuu fi yeroo itti aanu rakkicha furuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.