Fana: At a Speed of Life!

Murtoo ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa gaggeessuuf qophiin xummuramaa jira – Boordii Filannoo

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Murtoo ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa gaggeessuuf qophiin xummuramaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Murtichi filannoo biyyaalessaa waliigalaa waliin guyyaa tokko kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Gaaffiin Godinni Lixa Oomoo, Beenchii Shaakkoo, Daawuroo, Shakkaa, Kafaa fi aanaan addaa Koontaa naannoo ta’uuf dhiyeessan Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee Fulbaana 19, 2013 gaggeesseen sagalee guutuun raggaasiisuun kan yaadatamuudha.
Manni Maree Federeeshiniis yaa’ii idilee Fulbaana 28, 2013 gaggeesseen gaafficha fudhachuun Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murtoo ummataa akka gurmeessu murteesseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtoo Mana Marichaa booda murtoo ummataa gaggeessuuf qophii taasiisaa jiraachuu itti gaafatamtuun Komiinikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.
Murtoon ummataa kun Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaan guyyaa tokko akka gaggeeffamu qophiin barbaachisu taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.
Murtoon kun filannoo waliigalaan guyyaa tokko gaggeeffamuun baasii murtichaaf ba’u kan hir’isu ta’uu kaasaniiru.
Murtichaaf galmeen filattootaa kan filannoo biyyaalessaa faana gaggeeffamuu isaan filannoo fi murtoof yeroo tokko sagaleen laatama jedhan.
Mallattoon murtoo ummataaf barbaachisu baatii Eebilaa kan ifoome yoo ta’u, mallattoon ‘harkaaf harka walqabatanii’ Godinaaleen kunneenii fi aanaan addaa Koontaa naannoo Kibbaarraa fottoquun naannoo of danda’e akka hundaassaan kan deeggaran bakka bu’a.
Mallattoon manaa xiqqoo yookaa Goojjoon ammoo godinaaleen kunneenii fi aanaan addaa Koontaa qaama naannoo Kibbaa ta’uun akka itti fufan kanneen deeggaran bakka bu’a jedhan aadde Sooliyaanaan.
Lakkoofsi namoota murtichaaf galmaa’anii isa filannoorraa adda ba’uun kan ibsamu ta’a jedhaniiru.
Baatii Sadaasa 2012 murtoo ummataa gaggeeffameen Naannoon Sidaamaa naannoo 10ffaa biyyattii ta’uun hundaa’uun isaa kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate
/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.