Fana: At a Speed of Life!

Murtoo uummataa godina Goofaatti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu qindeessaan filannoo godinichaa ibse

Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC) – Murtoo uummataa godina Goofaatti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu qindeessaan filannoo godinichaa ibseera.

Galmeerraa eegalee hojiileen hedduun hojjetamuu gorsaan addaafi itti waamamaan murtoo uummataa godinichaa obbo Birhaanuu Dachaasaan ibsaniiru.

Boordiin Filannoo godinichatti buufataalee filannoo 329 gurmeessuu eeruun,tokkoon tokkoon isaaniif ogeeyyiin 3 leenji’uun buufataalee kanneen fudhachuu ibsaniiru.

Godimnichatti filatoonni kumni dhibbi 3fi 4 galmaa’uun guyyaa boruu sagalee isaanii kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Buufataalee filannoo hundarratti qaamoleen nageenyaa ramadamuun gara hojiitti senuu kaasaniiru.

Maatuusaalaa Maatewoostu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.