Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy baqattoota Sooriyaa fi namoota sababii vaayrasichaatin ko’oomaniif deeggaraa taasisaa jiran daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad baqattoota Sooriyaa fi namoota sababii vaayrasii koroonaatin ko’oomaniif deeggaraa taasisaa jiran daawwatan.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad baqattoota Sooriyaa daawwatan.
 
Xumuramuu sooma Ramadaanatiin dura Iida gaarii hawwuuf baqattoota Sooriyaa daawwachuu isaanii muummee ministiraa beeksisaniiru.
 
Dooktar Abiy Sooriyaanonni kanneen walwaraansa biyya isaanii baqachuun, Ityoophiyaa da’annaa taasifachuu isaaniis eeraniiru.
 
Baqattoonni kanneen xumura Ramadaanaa kabajaan dabarsuutu irra jiraatas jedhaniiru.
 
Ityoophiyaan lakkoofsa baqattootaa olaanaa simattee keessummeessaa jiraachuun ishee ni beekama.
 
Namoota jireenyii fi biyyi isaanii waraanan miidhamaniif Ityoophiyaan da’annaa ni laattis jedhan muummee ministiraa.
 
Dooktar Abiy hojii dinqisiisaa obbolaa lamaan, Kaaliid Naasirii fi Mohaammad Aaliin hojjetaniif galateeffataniiru.
 
Obboloonni kanneen namoota 100 ta’an sababa COVID -19 saaxilamoo ta’an deeggaruuf naannoo Mana Maxxansaa Boolee duubatti hojjechaa jiru.
 
Muummee ministiraatis hojii gaarii obbolootaa kana daawwatanii, dinqisiifachuun galateeffataniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimad garee dubartootaa Baabuul Keheyiriin namoota amantaa garaagaraa 500 guyyaa guyyaatti sooruuf hojjetaa jiran daawwachuunis jajjabeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.