Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Muummee Mistiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Hunda dura, baga bacaqii gannaa dabartanii, booqaa birraa arguuf geessan, baga gammaddan jechuun fedha.

Uumaan rakkoo uumamaafi namtolchee nu dandamachiisee, diina xiqqaafi guddaa irra nu aansee, ifa birraa nu agarsiise haa ulfaatu!
Oromoon duudhaa Sirna Gadaarraa dhaaleen, ganni darbee birraan yammuu bari’u, Uumaa galateeffata.

Waaqa dukkana gannaa dabarsitee, midhaan magarsitee, oyiruu miidhaqsitee, barii birraa nu agarsiifteef galata jechuun yaadata.

Jiidha qabatee, ‘Mareehoo’ ‘Mareehoo’ jechaa Malkaa bu’uun irreeffata. Irreechi birraa hiree galateeffannaa Uumaa ganni darbee birraan yammuu bari’u sirna guddaadhaan kabajamuudha.

Irra deebiin, Ummanni Oromoofi Itoophiyaanonni hundi baga geessan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.
Irreechi hiree nagayaati.

Jamaan irreeffannaaf Malkaa bu’u, irreecha/jiidha harkatti qabate malkaa cuuphee osoo hin irreeffatin dura gaaffii gurguddoo sadii deebisuu qaba. Abboottan Gadaa, “Isin waliif Nagayaa?”, “Isin Uumaaf Nagayaa?”, “Isin Uumamaaf Nagayaa?” kan jedhu gaafatu.

Jamaan irreecha qabatee Malkaa bu’es, Malkaa tuquun dura “Nagayaa” jechuun deebisa. San booda irreechaan Malkaa tuqee “Mareehoo……. Mareehoo” jechuudhaan Uumaa isaa galateeffata.
Kanaafis, namni Irreecha beeku gadoo lagatee, Nagaa lallaba.

Jaalalaafi tokkummaa, waltumsaafi obbolummaa utuba. Kenna kabajamaa Uumaarraa argateef beekamtii kenna. Waloomaafi waliin jireenya uumamaa dinqifachaa Uumaaf galata galcha.

Waaqni Irreecha magarse namarraa galata argata. Namni ammoo jiidha Uumaan isaaf kenne qabatee Uumama dinqifata; Uumaa galteeffata. Namni Irreeffatu waliif, ollaaf, alaafi manaaf, biyyaafi alaalaaf nagaa ta’uu qaba.

Namni irreechaaf wayita deemu jibba dhiisuufi araara buusuu qaba. Irreechaa wayita deebi’us Gadoofi Jibba Qabachuu, Dabaafi Jal’ina Yaadachuurraa of qusachuu qaba.

Irreeffachuun Gamtaan galateeffachuudha. Seerri Uumamaa akka hin dabne, Uumaan Uumamatti akka hin gaddineef Waaqa kadhachuudha. Kanaafuu, Irreechi Araara, Nagaa, Jaalalaafi Tokkummaadha. Santu seera, duudhaa, safuufi kudhaammata Sirna Gadaati.

Irreechi Hiree Qulqullummaati!

Irreechi yaadaafi qalbiin qullaa’uu barbaada. Haaloo kuusuufi maqaa wal balleessuun faallaa duudhaa Irreechaati.

Jamaan Irreechaaf ba’u, “Gurraacha Garaa Garbaa” jechuun harkasaa Waaqatti bal’isee kadhachuufi eebbifachuun duudhaadha. Uumaan samiifi lafaa ni kabajama. Haqa dabsuun, dhugaa dhoksuun safuu cabsuu akka tahetu lallabama. Seerri Uumaafi uumamaa ni barsiifama.

Birraan Waqtii hojiin harka Uumaa itti dinqifatamuudha. Boqonnaa dukkanarraa gara ifatti, Gannarraa gara Birraatti, corqaarraa gara bilchaataatti itti ce’aniidha.

Marfata uumamaa hojii harka Uumaa ta’e kana, Mareehoo, Mareehoo jechuudhaan kan itti dinqifatan ayyaanni Irreechaa guyyaa ifaafi eebbaati.

Irreechi Hiree Obbolummaafi Tokkummaati

Sirna Gadaa keessatti waliin hojjechuufi nyaachuun, waltumsuufi walbira dhaabbachuun, haqaaf falmuufi waliif birmachuun duudhaa ganamaa isaati. Dhuka tokkummaa, irree obbolummaati.

Humna gamtoominaa, madda jaalala, burqaa michummaafi waliin jireenyaa ta’ee kan tajaajiluudha.

Duudhaa guddaan kun dhala namaa hunda walqixa ilaaluufi kabajuu, hubachuufi itti dhiyaachuudhaan kan badhaadheedha.

Kanaafis, jamaan bahee sirna irreeffannaa kana kabajuufi Uumaa galateeffatu: sanyiin, saalaan, umriin, amantaafi ulaagaa kamiinuu nama hin qoodu.

Waan taheefis, har’a irreechi sirna saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii waliin bahanii kabajaa jiran tahuu danda’eera.

Itoophiyaanota bira darbee tuuristoota idil-addunyaa hawwateera.

Nuti akka biyyaafi ummataatti dureeyyii duudhaafi beekumsa xabbooti. Sirnoota aadaafi amantaa waldanda’uufi waliin jireenya jajjabeessan hedduu qabna.

Mudaa walirra barbaaduurra, ilaafi ilaameen wal dhaga’uu jajjabeessa.

Gadoofi jibba leellisuurra, nagaafi dhugaa jaallachuu cimsa. Jireenyi akka feeteefi dhibaa’ummaan kan keenya miti.

Waan hundaaf seera qabna. Safuufi safeeffiidhaan jiraachuuf dirqamna. Gootummaa malee gantummaan nuun hin ibsu.

Seenaa keessatti tokkummaan malee garaagartummaan kabajamnee, sodaatamnees ta’e injifannee hin beeknu.

Tokko taanee wayita baanu dirree qabsoo hundarratti akka injifannu argineerra.

Shira nurratti xaxamu kamuu fashaleessuu akka dandeenyu qabatamaan agarsiifneerra. Muuxannoon keenya waggoottan afran darbanii kanuma ibsa.

Diinonni keenya kufan wayita nuun jedhan kaanee, diigaman wayita nuun jedhan ijaaramnee argaa dhufaniiru.

Ammas waan walabummaafi birmadummaa keenya qoran hedduutu jira. Isaan hunduu nu gufachiisuu hin danda’an. Haqa qabna. Dhugaarra dhaabbannee falmanna.

Uumaanis nu waliin jira. Kanaafuu, humna lafarraa kamiifuu hin jilbeenfannu.

Diina keenya isa guddaa kan ta’e hiyyummaa injifachuuf hojjechuutu nurra jiraata. Aadaa hojii keenya fooy’essuun dirree misoomaa hundarratti bobbaanee injifachuuf xiiqa’uu qabna.

Humni dandamannaa keenya, amma dammaqne, amma ijaaramnee tokkummaa keenya cimsineefi qabatamaan hojjennee agarsiifne akka ga’u muuxannoo keenya yeroo rakkoo kanarraa baranneerra.

Sirna guddaa akka ayyaana Irreechaa kana akka meeshaa tokkummaa keenya cimsuutti qabannee, kiyyoo fagoofi dhiyoo imala badhaadhinaa keenyarratti aggaamame hunda ciruudhaan kaayyoofi mul’ata qabanne milkeessuuf akka hojjennu waamichakoo dabarsa.

Dabalataanis, Irreechi bara kanaa kan boqonnaa haaraatti ittiin ceenuufi injifannoorratti injifannoo dabalannu nuuf haa ta’un jedha.

Gadaan Quufaafi Gabbina!

Barri Kan Milkiifi Injifannoo Nuuf Haata’u!!!

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.